Open menu
Waggoota Lamaaf Dhukkubbiin Garaa Ishee Dhiphisaa Ture; Dhuma Irratti Xannachi Ulfaatina Kiiloo Giraama 30 Hospitaala kompireensiivii ispheeshaalaayizdii  Yuunivarsiitii Wallaggaatti Keessaa Baafame!

Waggoota Lamaaf Dhukkubbiin Garaa Ishee Dhiphisaa Ture; Dhuma Irratti Xannachi Ulfaatina Kiiloo Giraama 30 Hospitaala kompireensiivii ispheeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaatti Keessaa Baafame!

Waggoota lama guutuu dhukkubbiin garaa, ol-deebisuu, nyaata nyaachuu dadhabuu fi ulfaatina qaamaa garmalee hir'achuun jireenya isaanii hadheesse. Abdii kutannaa fi dhiphina fayyaa keessatti yeroo dheeraaf dabarsan. Har'a garuu rakkoon isaan waggootaaf dhiphisaa ture Hospitaalakompireensiivii ispeeshaalaayizdii  Yuunivarsiitii Wallaggaatti yaala baqaqsanii hodhuu milkaa'aa ta'een furmaata argateera.

Dubartiin umuriin isaanii waggaa 45 ta'e, Godina Lixa Oromiyaa, Aanaa Amuruu irraa dhufan kun waggoota lamaaf dhukkubbii garaa cimaa fi rakkoolee fayyaa garaagaraatiin rakkachaa turaniiru. Nyaata nyaachuu dadhabuu, ulfaatina qaamaa garmalee hir'achuu, sagaraan bahuu dadhabuu fi yeroo yerootti ol-deebisuun jireenya isaanii baay'ee isaanitti ulfaachaa ture.

Yeroo dheeraa kana keessatti fayyaa isaanii deebifachuuf abdii kutachuu didanii, Hospitaalota Giddaa fi Shaambuu dabalatee dhaabbilee fayyaa garaagaraa irra deddeebi'anii yaala barbaadaa turan. Ta'us, rakkoon isaanii furmaata argachuu dadhabee, dhuma irratti haalli fayyaa isaanii daran hammaachaa dhufe.

Dhuma irratti gara Hospitaala kompireensiivii ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaatti rifeerii dhan dhufan.

Hospitaalicha erga ga'anii booda Gareen Dr. Waqtolee Abdiisaan durfamuu qorannoowwan yaalaa barbaachisan hunda erga taasifamanii booda, ogeessonni fayyaa baqaqsanii yaaluuf murteessan.

Baqaqsanii yaaluun gaggeeffameen, Xannaachi ulfaatinni isaa kiiloo giraama 30 ta'uu garaa isaanii keessaa milkaa'inaan baafameera.

Wanti waggoota lamaaf dhukkubbii fi dhiphina isaan keessa galche, yaala ogeessota Hospitaala kompireensiivii ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti gaggeeffameen keessaa baafamuu danda'eera.

Har'a immoo seenaa dhukkubbiin waggootaaf isaan dhiphisaa ture keessaa ba'anii, gara mana isaanii fayyaa fooyya'aa ta'een deebi'uu isaanii ti. Erga yaala baqaqsanii yaaluu argatanii booda haalli fayyaa isaanii gaarii waan ta'eef gara mana isaaniitti gaggeeffamaniiru.

Garee Ogeessota Yaala Kana Milkeesse

Yaalli baqaqsanii hodhuu kun garee ogeessota armaan gadiitiin milkaa'inaan raawwatameera:

• Dr. Waktole Abdisa – Consultant General Surgeon, Hogganaa Garee.

• Dr. Aga Wakgari – Consultant Gynecologic Oncology Subspecialist, Gargaaraa Baqaqsanii Yaaluu

• Dr. Gutu – Senior General Surgery Resident, Gargaaraa Baqaqsanii Yaaluu

• Mr. Abel Tilahun – Senior Anesthetist, Hogganaa Garee Anisteezhiyaa.

• Sr. Sufe – Scrub Nurse.

• Mr. Etana – Circulating Nurse.

Waggoota lamaaf dhukkubbiin ishee jireenya Maatii ishee dhiphisaa ture; har'a garuu abdii fi gammachuun gara maatii isheetti deebite.

Hospitaalli Yuunivarsiitii Wallaggaa – Bakka dhukkubbiin furmaata argatu, abdii kutannaan abdii ta'utti!